Sagantaan Gargaarsa Kiraa Manaa Seentpol-Raamsii Amma Cufameera

Kireefattootni iyyata isaanii Jimaata, Amajjii 22, 2022 sa’a 5 W.B. dura galfatan iyyatni iaasnii hanga maallaqani gargaarsa jirutti itti fufee ni ilaalama. Adeemsi iyyata kanaa tilmaaman hanga guyyaa 30 fixuu mala.

Iyyata galfachuu eeguu hinqabdu! Kireefattootni manaa kanneen Kanaan dura karaa sagantaa gargaarsa hatattamaa yeroo KOOVID-19 iyyata galfatan, sababa kiraa manaa kaffalachuu dadhabaniif hanga Waxabajjii 1, 2022 tti mana keessaa hinbaafaman.

Gargaarsa Hatattamaa Kan Kawuntii Raamsii 

Kawuntiin Raamsii Gargaarsa Hatattamaa fi Gargaarsa Idilee fi Hatattamaa kireefattoota kanneen ulaagaa guutaniif. Caalatti baruuf, marsariitii kana ilaali: https://www.ramseycounty.us/residents/assistance-support/assistance/financial-assistance/emergency-assistance


Sagantaalee Gargaarsa Kiraa Manaa Hatattamaa Kabiroo

Projektii ‘Zero Balance’

Gargaarsi maallaqqaa projektii zeeroo baalansiitiif ramadame marti waan kennameef cufameera

Gaaffii waa'ee gargaarsa maallaqqaa kenname yookin waa'ee 1099 kee ilaalchisee, maaloo imeeylii kanaan ZeroBalanceProject@FHFund.org nu quunnami.

RentHelpMN

‘RentHelpMN’ iyyata haaraatiif cufameera.

  • Kireefattootni Kanaan dura gargaarsa karaa ‘RentHelpMN’ tin iyyata guyyaa Jimaataa, Amajjii 28, 2022 sa’a 9:00 w.b. dura galfatan , hanga maallaqni gargaarsaa jirtutti iyyatni isaanii itti fufee ilaalama. Kanaaf, kireefattootni lakkoobsa 211 yoo gaaffii ariifachiisaa qabaatan malee bilbiluu hinqaban.
  • Kireefattootni karaa ‘RentHelpMN’ gargaaramanii turan yookin iyyata isaanii Amajjii 28, 2022 sa’a 5 W.B. booda waan tureef iyyata isaanii waan baafataniif iyyata haaraa hanga Ebla 22, 2022 sa’a 5 W.B. tti Sagantaa Gargaarsa Kiraa Manaa Seentpol-Raamsiitif galfachuu ni danda’ama.
    • Hub: Kireefattootni kanneen ulaagaa kana guutan hanga baatii 18tti gargaarsa hatattamaa kiraa manaa sagatalee mara irraa argachuu ni danda’u.

Mana-kiraa Keessaa Hari’uun Seeran Yeroof Dhorkaa Ta’uu Isaa

Labsiin kireefattotni mana-kiraa keessaa akka hinbaafamne dhorku Buchaa Minnesota Walz tin labsamee ture Waxabajjii 30, 2021 irraa kaasee shaarameera. Kun sababa koovid-19 tin walqabatee mana keessaa baasun dhorkaa ta’uun dhaabbateera.

Mana-kiraa keessaa baasun yeroon itti dhorkaa ta’e raawachuu

  • Waxxabajii 30, 2021 – Warri mana kireessan kireefattoota seera waliigaltee cabsan (baasii kiraa mana baasuu dadhabuu irraa kana hafe) seeran mana keessaa baasuuf yookin waligaltee isaanii haaromsuu dhiisuuf beeksisa irratti baasu ni danda’u. Warri mana kireessan kireefattoota kiraa yeroon kaffaluu dhiisuun boodatti hafan fi gargaarsa hatattamaa kan yeroo koovidii osoo ulaagaa guutanii warra iyyata galfachuu hin barbaadne mana keessaa baasuu ni danda’u.

  • Adooleessa 14, 2021 – Kireefattootni seera waliigaltee cabsan (baasii kiraa mana baasuu dadhabuu irraa kana hafe) mana keessaa baafamuu ni danda’u.

  • Amajjii 13, 2021 – Warri mana kireessan kireefattoota kiraa yeroon kaffaluu dhiisuun boodatti hafan fi gargaarsa hatattamaa kan yeroo koovidii osoo ulaagaa guutanii warra iyyata galfachuu hin barbaadne walgaltee isaanii diiguu ni danda’u.

  • Fulbaana 12, 2021 – Warri mana kireessan kireefattoota kiraa yeroon kaffaluu dhiisuun boodatti hafan fi gargaarsa hatattamaa kan yeroo koovidii argachuuf ulaagaa kan guutuu hindandeenye irratti akka mana keessaa baafamaniif seeran faayela banuu ni danda’ama.

  • Onkololeessa 12, 2021 – Haalli waa’ee waligaltee kiraa manaa dhaabuu yookin mana keessaa baasuu daangeessu ka’eera. Garuu murtiin kun kireefattoota gargaarsa hatattamaa kan yeroo koovidii argachuuf iyyatni isaanii rarra’ee jiru hinilaalatu.

    Yeroon itti gargaarsaf iyyata galfatamu amma!

  • Waxabajjii 1, 2022 – Seerotni tarkaanfii mana kiraa keessaa nama baasuu daangeessan marti ni shaaramu.

Last Edited: May 13, 2022